Key Points
- Guyyaan Australia guyyaa British bara 1788tti alaabaa Tokkummaa Jack jedhamu Sydney Cove dhabe ibsa. kunis jalqaba koloneeffannaa ture.
- Amajjii 26 jalqaba koloneeffannaa Birtish fi laalaa seenaa Aboorijiinaal fi Torres Strait Islander ibsa.
- PollsFilmaatni akka agarsiisutti lammiileen Australia harki caalaan guyyaan Australiaa amajjii 26 akka turu barbaadu.show a majority of Australians want Australia Day to remain on January 26.
Amajjii 26 biyyaattiif guyyaa biyyaalessaa, Guyyaa Australia jedhamee beekama. Garuu ummatni abbootiin dachee fi Australiayanota hedduuminaan lakofsi dabalaa jiru biratti Guyyaa kabajamu miti.
Boe Spearim , kan Gamilaraay , Kooma fi Murrawari falmaa mirga namoomaa fi sagantaa podikast irraa kan hojjatu akkuma guyyaan kun dhihaataa deemuun gaddi isatti dhagahamuu jalqaba.
"Anaaf, Guyyaa sana, ganama isaa akka waan ani guyyichaa awwaalcha dhaqaa jiruutti natti dhagahama. Waan badaan tokko akka hojjetamee ture nan beeka. Gadda baay’eetu natti dhagahama.”
Guyyaan Australia maaliif Amajjii 26 irra tahe
Ammajjiin 26 Australia keessatti mallattoo jalqabbii kolonummaa ti. Guyyichi kan yeroo jalqabaatiif British Alaabaa Tokkooma Jack jedhamu Sydney Cove keessatti bara 1788 gadi dhaabee dha.
Guyyaan Australiabara 1935 irraa jalqabee yaadatamaa oola ture garuu bara 1994 keessa guyyaa biyyaalessaa guutummaa tahee akka kabajamu taasisame.
Guutummaa biyyaa keessatti Australiayanoti tokko tokka BBQ qopheeffatanii hiriyootaa fi maatii isaanii waliin Kabajtaa oolu, kaan gara handaara galaanaa deemu ykn qophii gar garaa godhatanii facaatuu arraba abiddaa (fireworks) samiitti ol ha’anii gammadaa oolu. Kan lammummaa Guyyaa kana fudhatanis hedduu dha.
Garuu bara 1938 irraa jalqabee Amajjiin 26 ummata Aboriginal fi Torres Strait Islander biratti “Guyyaa Gaddaa” tahe mormiidhaan yaadatamaa oola. Guyyaa kana kan mormanii fi Guyyaan Kabajaa kun Guyyaa birootti akka jijjiiramu kan gaafatan lakofsi Australiyanotaa dabalaa jira.
Invasion Day Rally in Brisbane, 2024 Source: AAP / JONO SEARLE
Guyyaan kun Abbootii Dacheef maaliif laalessaa tahe?
Dr Summer May Finlay, dubartii Yorta Yortaa irraa kan taate University Wollongong itti barsiistuu dha. Kan isheen jedhtus ummata Aboriginal fi Torres Strait Islander biratti Amajjiin 26 rakkoo akka qabu dubbatti. Kunis sababni isaa Guyyaa itti ummatni kun dachee isaa dhabee fi aadaa isaa irraa addaan citee dha jedhti.
Guyyaa itti sanyi balfinni (racism) jalqabe, Guyyaa moggeessamuun itti jalqabe, guyyaa itti ummatni keenyaa akka hawaasaattii fi biyyi keenya wagga kuma jaatamii shanii oliif(65,000) irra jiraatamaa ture gar gar qircamee dha.
"Kanaaf guyyaan kun guyyoota kaan irraa adda tahee Guyyaa kabajamuu jalqabe irraa qabee kulkula seenaa guddaa ummata keenyatti dhageessisuu eegale. Kunis ummata keenya Aboriginal fi Torres Strait Islander biratti Guyyaa kolonummaan itti fufee dha.”
Kolonummaan British Abbootii Dachee Australiatiif jireenya isaanii kan dhabamsiisee dha. Dachee isaanii dhaban, ni dhuman, dhukkubni isaan fixe, ijoolleen isaanii humnaan jalaa fudhaman.
Miidhaa kolonummaan dhaqabsiises, moggeessamuu sirna keessa dhokatee gaggeessamu, rakkoo dhabiinsa wallaansa fayyaa, maqaa seeraattiin heddumminaan mana hidhaa keessa jiraachuun kan har’a illee itti fufee jiruu dha.
Hundumtuu seenaa Biyya isaanii Australia akka baran Dr Finlay irraa yaadni kennamee jira.
“Akka an yaadutti Australia kara baay’ee Biyya gaarii dha. Namootni haaraan Biyya kana dhufan fi lammummaa haaraa argatan waan kana ni hubatu jedheen amana. Garuu hanguma sana ammo biyyi kun seenaa gaarii akka hin qabnee fi waan beekamtii hin kenniniif jirtu akka biyyaatti ni qabna.”
Guyyaa jijjiiruu, beekamtii kennuu ykn guyyicha dhiisuu?
Sagalee ummataa dhiheenya kenname Amajjiin 26 Guyyaa Australia tahee akka itti fufu Australiayanoti hedduun filatanii jiran qorannoon ni mul'isa. Garuu ammoo waggaa hunda guyyaan kun akka jijjiiramu wal falmiin itti fufaa jira.
Lammiileen Dhalootaan Australia hedduun guyyaan kun akka adeemu barbaadu, haa ta’u malee tokko tokko seenaa isaa jijjiiruu caalaa beekamtii kennuudhaaf dursa kennu. Kaan ammoo akkuma Boe Spearim guyyaan kun guutummaatti haqamuu qaba jedhanii amanu.
“Hubannoo koloneeffataa biyyi kun karaa nagaa qubsiifamte jedhu ykn utuu silaa argachuu qabuu wanti Aboorijiinaal mudate beekamtii argachuu hin qabu jedhu haquu dha. Akkasumas warra morma diimaa fi balfattootaa fi ummata idileedhaan kana booda duguuggaa sanyii kabajuu akka hin dandeenye yaadachiisuuf qofa, waan tahaa miti,'' jedha.
People gather outside Victorian Parliament for the Invasion Day rally, 2024. Source: AAP / Diego Fedele
Amajjii 26 akkamiin kabajaan yaadatamuu qaba
Seenaa Guyyaa kanaa miiraan kan yaadatan, Australiayanoti tokko tokko “Guyyaa Weeraraa” ykn “Guyyaa Dhumaatii” jedhu. Gartuun Abbootii Dachee guutummaa biyyaa keessatti Amajjii 26, hiriira bahu, hiriira mormii dhageessisu, wanneen aadaa calaqisan qophii gara garaa agarsiisu.
Dr Finlay irraa ibsi dablaa kenname nama qooda keessatti fudhachuu danda’uuf dhimmi kun amma illee hin xumuramne jedhti.
“Hiriirri bahamu hiriira nagaa ti. Bifa mormiitiin karaa irra deemama. Yeroo Melbourne keessa jiraachaa turetti yeroo lama hiriira kana irraa qooda fudheen ture. Aboriginal fi Torres Strait Islander irraas haa tahanii ykn hin tahini hundi akka maatiitti wal arguuf karaa gaarii dha."
Rana Hussain, miseensa boordii Araaraa Australia, hisachiisa bu’ura araaraa Australiyanota Abbootii Dachee fi Abbootii dachee hin tahinii ti. walitti qabamni deggersa akkasii kun abdii fi tokkummaa uuma jedhti.
“Afuura waliif tumsuu jabeessa, akka hawaasaattis afuura abdii waliif tahuu argamsiisa. Wal tahiinsi akkasii, Ummatoota Jalqabaa bira dhaabbachuuf baay’ee barbaachisaa dha jedheen yaada. Guyyaan kun akka jijjiiramu barbaadu ykn guyyaan kun isaaniif maal akka tahe akka beekamtiin kennamuuf fedhu.”
Belbelummaa beekamtii Guyyaa kanaa irraa kan ka’e gumiileen naannoo hedduun Guyyaa Amajjii 26 qophii lammummaa kennuu dhiisanii jiran. Bakki hojii tokko tokkos hojjettootni guyyaa boqonnaa ayyaanaa sana guyyaa biraatti akka jijjiirratan ni taasisu.
New Australian citizens, Broken Hill, NSW Source: AAP / STUART WALMSLEY
Godaantootni Dhalattoota Australia waliin akkamiin wal hidhatu
Obbo Spearim godaantoti ummata Aborjinaa waliin seenaa wal fakkaataa waan qabaniif haqa qajeelummaa isaanii osoo deggeranii ni jaallata.
"Namootni asi dhufanii nageenya wayii akka itti argatan nama raaja. Amajjii 26, 1788 irraa qabnee qajeelummaa hin argatne, nagaa hin argatne," jedha.
Rana Hussain sAmajjiin 26 Abbootii Dachee qofa osoo hin tahin Australiayanota hundaaf dhimma tahuufii qaba jedhti.
“ Akka ani yaadutti namoota hedduudhaaf, dimmi rakkisaan, gaddisiisaa fi gaddi kun ummatoota Jalqabaa (First Nations) qofa kan ilaalu itti fakkaata, garuu namootni maalummaa Guyyaa kanaa beekan biratti, akka Guyyaan kun gaddisiisaa tahe ni hubatu. Kanaaf, anaaf, mucaa godaantota India irraa tahuun kiyya nutis seenaa kolonummaa kan ofii kenyaa kan British nu koloneeffate ni qabna,".
Akka dhalataa lammaffaa duubbee godaantota irraa taateetti, aadde Hussain maaliif godaantoti haaraan Guyyaa kana akka kabajatan ni hubatti.
Garuu Australiayanoti hundi osoo bakka hunda keenya ammatutti waliin kabajachuu bira hin gahin waa’ee seenaa dhugaa Biyya keenyaa irratti cimsanii mariyachuu akka qaban itti amanti.
“Akka biyyaatti waliin dubbannaa akkasii qabaachuu qabna jedheen yaada. Sana booda Guyyaa kam kabajachuu akka qabnu waliin dubbanna. Seenaa fi beekamtii waliif kennuu sana booda bakka tokkotti kabajachuuf walitti dhufna. Hubattee, Guyyaa nu hunda tokkeessuuf siirrii tahe isa kam akka tahe qabaachuu dha.”
Subscribe or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.
Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to