Mana Jireenyaa hatattamaaf barbaaddaa?

GFX 171224 CRISIS ACCOMODATION ALC HEADER.png

Every night more than 122,000 Australians experience homelessness.

Yoo man-dhabilee taatee jirta tahe ykn man-dhabilee tahuuf jirta tahe bakka siif tahu turtu eenyuun akka gaafattu beekuu dhabuun si rakkisuu danda’a. Qofummaan sitti dhagahamuu hin qabu, gargaarsa gaafachuunis qaanii miti. Yeroo mana hatattamaaf (crisis accommodation) si mudatu bakka kami illee yoo jiraatte Australia keessa gargaarsa ni jira.


Tuqaalee Ijoo
  • Gaja'umsa maatii keessaa baqachuu irraa kan ka'e dubartootni hedduun man-dhablee taasifamaa jiru
  • Tajaajilli deeggarsa mana dhabuu yeroo baayyee bakka jireenyaa hatattamaa battalaa bira darbee deeggarsa kennuu danda’a.
  • Yeroo haala mijataa argattu, sarara gargaarsaa fi tajaajila kutaa biyyaa ykn naannoo keessanii argachuuf toora interneetaa seena ilaalaa.
  • Yoo gaja'umsa maatii fi mana keessaa jalaa miliqxu deeggarsa mana jireenyaa argachuuf 1800RESPECT bilbili.
Lakkoofsi ummataa bara 2021 taasisame halkan tokkotti Australia keessaa namootni 122,000 (kumd dhibba tokkoo fi kuma digdamii lama) man-dhabilee akka tahan gabaasa.

Man-dhabilee jechuun waan mataa jala keewwattu hin qabdu jechuu dha.
Man-dhabilee dhokataan namootni wal muddanii ykn baay’atanii mana tokko keessa jiraachuu, bakkuma argamte mana keessa afatanii buluu, konkolaataa keessa buluu fi bakka mana hatattaamaaf yeroof turuu kan dabaluu dha.

Jaarmolee kan mootummaa hin tahin yeroo hedduu maallaqa mootummaan naannoo fi federaalaa kennuu mana hatattamaaf akka gargaarsaatti ni kennu.

Manneen hatattamaa eenyuufi?

Jed Donoghue Gaggeessa Waliigalaa Man-dhabilummaa Biyyaalessaa kan Salvation Army, kan Australia keessaa tajaajila Mana hatattaamaaf kennuutti gudguddoo keessaa tokko tahee ti.

"Namoota man-dhabilummaaf kan saaxilu salphaatti, dalagaa dhabuu, mana kiraa gatiin isaa rakasa tahe dhabuu, hiyyummaa, dhibee fayyaa ykn rakkoo mataa qabaachuu taha," jedha.
Young woman in distress
Increasingly women are becoming homeless on fleeing domestic violence. Source: Getty / ArtistGNDphotography

Dubartootni jeequmsa mana keessaa baqataa jiru

Istaatistiksii n biiroo Australia akka gabaasetti bara 2016 irraa eegalee dubartoonni mana dhabuun isaan mudatu dhibbeentaa 10.1n dabaleera.

Annabelle Daniel Itti-mataa Gaaddisa Hawaasa Dubartootaa (Women’s Community Shelters (WCS) ti. Gaaffii kan hin qabne rakkoo gajahumsa ykn jeequmsa mana keessaa fi kan maatii irraa kan ka’e dubartootni hedduun man-dhabilee tahaa jiran jedhti.

“Dhugumaan, dubartooti gajahumsa ykn jeequmsa mana keessaa jalaa bahanii maaliif man-dhabilee akka tahan sababoota hedduu beekna. Tarii gargaarsa argatan (network) irraa dhorkamu, ykn miidhaa maallaqaatu isaan irra gaha. Yeroo kiraan manaa akkaan jabaatee jiruttis maallaqa danda’anii kiraa ittiin fudhatan hin qaban taha. Sababootni kun hundi dubartooti maaliif man-dhabilee akka tahan kan gumaachanii dha,” jedhti.

"Gaaddisi Hawaasa Dubartootaa (Women’s Community Shelters (WCS) hawaasa  keessatti naannoo NSW fi sana irra dabrees dubartootaa fi ijoollota sababa gajahumsa mana keessaa fi maatii irraa kan ka’e man-dhabilee tahaniif mana hatattaamaa haarayaa hundeesse kennaafii jira jedhti Annabelle."

"Manneen hatattamaaf kun bakka Nageenya isaaniif qabu gargaarsi bakka argatan fi hanga Baatii sadii akka hawaasaatti bakka turanii dha,"

Gargaarsa argatan (network) jiru jabeessuun dubarooti mana jireenyaa gatiin isaa isaaniif saphlaa tahe argachuun, akka isaani miidhaa jalaa bahanii jireenya nagaa fi dhaabbataa tahe jiraatan isaan gargaara.

WCS daandii bilbilaa lakkoofsi gargaarsaaf fayyadaman kan mootummaa akkasumas hawaasa naannoo waliin hidhata qaba.

Yoo godchuuf kan siif mijjatu tahe komputeera ykn bilbila kee irraa Women’s Community Shelter kan jedhu ykn womenscommunityshelters.org.au
ilaali.

Ogeessotni kun rakkoo gaja'umsaa fi jeequmsa maatii keessaa akkasumas mana dhabulummaa keessa dabruuf isin faana ta'anii isin gargaaru jedhti adde Annabelle.
Kophoomuu hin barbaachisu. Ogeeyyiin ajaa'ibaa hedduun fi hawaasni si deeggaru fi si gargaaran baayyee dha.
Annabelle Daniel, CEO, Women's Community Shelters
Homeless young man sitting in wheelchair on the street
Homeless young invalid man sitting in wheelchair on the street Credit: LaraBelova/Getty Images

Kanneen kaan jeequmsaa fi gaj'umsa maatii baqatan hoo?

Safe Steps tajaajila baraarsa jeequmsa maatii kan toora bilbilaa irraan sa’aa 24 guutuu gargaara Victoria keessa jiruu dha. Namoota kam illee umrii, saala, saalummaa, of danda’uu fi gosa visa isaaniitiin osoo hin qoodin kanneen jeequmsa maatii fi gajahumsa mana keessaa duraa dheessan hunda kan ogummaan gargaaruu dha.

Nicole Abdilla Tajaajila Bakka Jireenyaatti Itti-mataa Gaggeessituu Safe Steps ti.Yoo namni dhimmi ilaalameefii balaa jala kan jiru tahe, namni sun mana hatattamaaf akka argatu taasisama. Kunis bakka jiraatamu motel, bakka dahataa (refugee) Victoria ykn bakka qubsumni baraarsaa argame kam illee tahuu danda’a, jedthi.

“Balaa jiruu fi Karoora sanaaf malu qorannee ilaalla. Bakka yeroof bifa baraarsaan qubatamuu fi gargaarsa bakka qubusumaa Victoria guutuu keessa jiru mijjeessina. Kunis kan yeroo gabaabaa fi bakka beeyilada mana keessaa jiraachifatan dabalee, dhaabbileen gara garaas maallaqaa fi mi’aa gara garaan ni gargaara. Dhimma mana murtii waliin wal qabatuu fi dhibamni qaamaa yoo jiraates gorsaa fi gargaarsi ni kennama," jedhti.

"Yoo namni dhimmi ilaalameefii balaa jala kan jiru tahe, namni sun mana hatattamaaf akka argatu taasisama. Kunis bakka jiraatamu motel, bakka dahataa (refugee) Victoria ykn bakka qubsumni baraarsaa argame kam illee tahuu danda’a.”

Namni waa’ee nageenya ofii isaas tahe kan nama kan biroo irraa yaaddoo qabu yeroo kam illee 1800 015 188 irratti bilbiluudhaan, email safesteps.org.au erguudhaan ykn kara mar-sariitii Web Chat jedhuu Safe Steps qunnamuu danda’a.
Caring for a Teenager
When people are assessed as being at serious risk they can be directed to crisis accommodation services. Source: Getty / David Freund

Amma haala nageenya qabu irra jirtaa?

Aadde Nicole Abdilla kan jedhtu, yeroo toora gargaarsaa baraarsaa kan akka Safe Steps bilbiltu haala yeroo sanatti keessa jirtu ilaalchisee gaaffii tokko tokko gaafatamtu ni jira.

“ Waan waliin dubbatamus kan akka: yeroo ammaa kana ati nagaa dha?’ kan jedhu gaafatama. Yoo namni sun dubbachuuf waan yaaddessu hin jiru tahe haala nama sanaa hubachuuf Odeeffannoo dabalaa gaafatamu ni jira. Yoo namni sun afaan hiikkaa ni barbaada tahe argachuun ni danda’ama.  Namni sun afaan akkamii akka dubbatu gaafatamee yoo deebisanii bilbiluufiin kan rakkoo hin qabu tahe deebisamee bilbilamaaf," jedhti adde Nicole.

Yoo afaan English hin dubbattu tahe, namni tokko – tarii hiriyaa ykn saahibni kee, namni Hawaasa kee keessaa, doktorri fayyaa (GP) kee ykn namni si waliin afaan English baratu bakka si bu’ee nama afaan siif hiiku siif gaafachuu danda’a.

Gargaarsi gaafatamu humna tajaajilootaa ol tahee jira

Carraa badaa tahee rakkinni jiruu fi humni nuti qabnu Australia keessatti kan wal madaalaa miti.

 Yeroo hunda gargaarsa barbaadamaa yoo jiraate illee Salvation Army namoota 40,000 (kuma afurtamatti dhihaatan) kanneen man-dhabilee tahan fi waggaatti dandamchiisa manaaf namoota 850,000 (kuma dhibba saddet fi kuma shantama) gargaara.

Saphlaatti argachuuf, mar-sariitii mootummaa irra, Kutaa biyyaa kee keessa kan jiru mana jireenyaa hatattamaaf kan jedhu Google keessa barbaadi ykn Slavo naannoo kee jiru baallama qabadhuu dubbisis.

Bulchiinsa mootummaa Kutaalee irra hedduun bakka namootni dhaqanii gargaarsa argatan man-dhabilee kan tahan gargaaru ni qaban.Tajaajila sitti dhihoo jiru argachuuf, Google crisis accommodation fi bilbilaaa ammoo kan naannoo kee ykn kutaa biyyaa keessa jirtuu barbaadi.
Sleeping homeless man
There is more demand than we can meet. Source: Getty / imamember

Some crisis accommodation services:

Call 1800RESPECT for housing support for people escaping domestic and family violence

: 13 SALVOS (13 72 58)

: 1800 015 188

: 1800 733 276

: 1800 269 672

Haala hamaa keessatti kaffaltii jiru

Haala hamaa jalatti mana kee gadi lakkistee bahuun kan si dirqu yoo tahe, kaffaltii maallaqaa mootummaa kan dandamachiisaaf tarii seerri siif hayyamuu mala. Kaffaltiin kun namoota rakkoo maallaqaa akkaan hamtuu isaan mudatee jiru gargaaruuf ni jira jedha Justin Bott, dubbataan Services Australia.

"Kaffaltiin kun al tokko kan kennamu, garuu gibirri itti hin kaffalamnee dha. Kunis akkuma namoota dalagaa barbaachaaf maallaqni gargaarsaa kaffalamuufiitti yoo haala rakkoo maallaqaa hamtuu keessa jiraatte siif kennama, " jedha obbo bott.
Ulaagaa saniif barbaachisu yoo guuttee argamte, sududaan akka nu qunnamtu si jajjabeessa. Kunis rakkoon sun si mudatee guyyoota torba keessa iyyata kee naqachuu si barbaachisu.
Justin Bott, Services Australia
Services Australia tajaajila afaanii kan bilbila irraan gargaaramtu 131 202 irratti, fi mar-sariitii irrattis kan afaanota hedduutti jijjiiramu ni jira.

Yoo illee teessoo dhaabbataa hin qabdu tahe Service Victoria kaffaltii kee akka argattu irratti ni hojjeta. Yoo haalli jireenya kee jijjiirame jaratti himi. Hojjetootni keenya akkataa si qunnaman irratti ni hojjetan, kunis karaa mana postaa ykn hiriyaa (saayibaa) ykn maatii ykn naannoo kee keessaa karaa kanneen tajaajila kennaa jiranii tahuu danda’a.

Share