Guyyaa Eebbaa Ijoollee Oromoof addatti qopheessuun maatii fi ijoolleef bu'aa qaba - obbo Aliyyee Galatoo

Aliyyee Galatoo

Aliyyee Galatoo Teacher & Mentor Credit: Aliyyee Galatoo

Guyyaan Eebbaa (graduation day) Ijoollee Oromoof addatti hawaasa keessatti qopheessuun maatii fi ijoolleef bu'aa qaba - obbo Aliyyee Galatoo.


Tuqaalee Ijoo
  • Guyyaa Eebbaa addatti ijoollee Oromoof tolchuun maatii fi ijoollee walitti dhiheessa
  • Ijoolleen warreen isaa dura jiran irraa muuxannoo argatu
  • Eebba(graduation day) irratti beektotni hasawa taasisan irraa akkaataa hojii itti argatan hubatu
  • Tola-ooltummaan miseensotni hawaasa Oromoo waan hojjetaniif beekamtiin ni kennamaaf akkasumas galatni ni tahaaf
Oromo Graduation ykn Guyyaa Eebba barattoota Oromoo jedhamuun magaalaa Melboune Australia keessatti hawaasa Oromoon kan kabajamu waggaa waggaan deema jedha obbo Aliye Galatoo.

Obbo Aliye Galatoo yeroo dheeraaf gaggeessaa Hawaasa Oromoo Australia kan Viktooriyaa tahuun tajaajilaa ture. Guyyaan Eebbaa ykn Graduation Day kun namoota yartuudhaan bara 2007 jalqabe jechuun nuuf ibse. Dura irratti warreen mana barmootaa sadarkaa lammaffaa fi warreen Univesity xumuraniif kabajamuu jalqabe jedhe.

Qophiin kun hawaasa biratti jaallatamaa waan dhufeef , hirmaatnaa fi gammachuun maatiis dabalaa waan dhufeef ijoollota kutaa jaha baratanis itti dabaluun gaggeeffamaa ture.

Qophii eebbaa kana irratti aadaan Oromoo kan mul'ifamuu fi qophiileen adda addaa kanneen akka keessummootni adda addaa irratti afeeruun qophii bal'aa gaggeessuutu ture, jedha obbo Aliyyeen.

Ummatni keenya ummata buqqa'ee biyya haaraa kana qubate waan taheef, garuu ammoo aadaa isaa fudhatee waan dhufeef, aadaa kana bakkatti eeguu akkasumas ijoolleen ofii keessatti akka of agartuuf qophii kana qopheessuun gahee guddaa qabas jedhe.

Obbo Aliyyeen itti dabalee , waggaa waggaatti Federation squire irratti aadaa Oromoo mul'isuunis kanumaan wal faan kan deemaa ture dha jechuun dubbate. Qophiin Kun namootni akka aadaan keenya maal akka fakkaatu baraniif bu'a qabeessas jedhe. Itti dabaluun, guyyaa eebbaa addatti ijoolleef qophaawu irratti maatiin illee carraa akkaataa itti rakkatanii ijoollee guddisan fi sadarkaa kanaan gahuu ibsatanii akkasumas firii ijoollee isaanii arguuf gammachuu qaban illee yeroo itti ibsatan uume jedhas.

Xumura irratti Hawaasni, ijoollee daandii barmootaa, hojii fi guddina irratti qajeelchuu keessatti gahee guddaa akka qabus eereera obbo Alyyeen.

Share