Tuqaalee Ijoo
- Dhibee ittisamuu danda’an ittisuuf Sagantaa Taliillii Biyyaalessaa Australia jalatti, daa’imni xixiqqaan fi ijoolleen taliillii barbaachisoo tahan tola fudhatu.
- Imaammatni Mootummaa “Taliillii malee kaffaltii hin argattu” ykn “No Jab No Pay” jedhu akkasumas ammo Sadarkaa Naannootti “Taliillii malee Taphachuu hin jiru ijoolleen” ykn “”No Jab, No Play” jedhu, maatiin kaffaltii deggersa maatii argachuuf ijoollee isaanii guutummaatti akka taliilliin fudhachiisan gaafata.
- Yoo waa’ee taliillii ijoollee ilaalchisee yaaddoo qabaattan ogeessa fayyaa keessan dubbisaa.
Akka qorannoo , taasiseetti waggaa 50n dabran taliilliin ijoollota ganna shanii gadii 146 than du'a irraa hambiseera.
Imaammatni taillii ijoollee adda adda yeroo tahu, garuu sababni fudhachuun barbaachisuuf addunyaa kana irratti tokkuma tahe mul’ata: sagantaan taliillii dhibee akkaan laalessaa irraa ijoollota ittisuufi.
Taliilliin imaammata mootummaa fi "dhimma ho''aa" hawaasichaa tahe, sababni isaas dhiibbaa daddabriinsa dhibee irraa dhufuu malu irraa kan kan ka''e, jedhti Gargaartuun Profeesoraa kan University Dhiha Ausralia Katie Attwell yeroo ibsitu.
"Sababni isaas haalli taliilamuu dhabuu namootaa kaanii dhibee kanaaf saaxila."
Measles is the most transmissible childhood infection. But when a community has high vaccination coverage, herd immunity can be achieved. Source: Moment RF / Witthaya Prasongsin/Getty Images
"Dhibee akka measles irraa of eeguuf namni harki sagaltamii shan yoo taliillii fudhate namoota kana bira deemuu irraa dhibee measles hin argattu jechuu dha. Garuu of eeggannoo akkasii gochuu dhabuun dhibee kana Hawaasa keessa baball’’isa."
Gargaaraan Profeesora Philip Britton University Sydney irraa fayyaa daa’immanii fi dardarootaa irratti hojjeta kan hojjetu dha.
Dhibewwan beekamoo daaímummaatti dhukkuba hamaa nama irraan gahaa turanii fi ammallee addunyaa kana irraa iddoo tokko tokkotti argaman irraa nama eeguuf sagataan taliillii Australia eegumsa woloo tahan keessaa isa guddaa tokko.
“Dhukkuboota measles(shifoo qaamatti nama yaa’uu- virus irraa) diphtheria(dhibee qoonqoo fi funaan keessan ama qabatu-bacteria irraa), akka tetanus, teetanasi, tubboo qilleensaa dhuunfachuun nama qofaasisu dhibee daddaraa whooping cough jedhamufaa.
"Waggaa 20 dura illee rotavirus virisiin jedhamu daa’imman irraa garaa baasaa geessisaa ture. Ammaan tana Australia keessatti saniif taliilliin ni kennama. "
Portrait of Aboriginal schoolteacher and boys and girls sitting at picnic table on lunch break Credit: JohnnyGreig/Getty Images
Sagantaa taliillii biyyaalessaa jalqatti, Dameen Fayyaa fi Kununsa Manguddoowwanii ijoollotn haga umurii ganna 20 gahan taliillii tola akka argatan akeekanii jiru.
Imaammata Mootummaa jalatti "Taliillii fudhattu malee kaffaltiin hin jiru"‘No Jab, No Pay’ jedhuun , maatiin kaffaltii deggersa maatii argachuuf sirnaan ijoollee isaan Taliillii fudhachiisuu qabu.
Kaffaltiin Tajaajila Australian kennamu kaffaltiii faayidaa gibira maatii fi gargaarsa ijoollee dabalata.
Kana jechuun warri ijoolleen isaanii kaffaltii Faayidaa Gibira Maatii fi deeggarsa kunuunsa daa’immanii kan baasii kunuunsa daa’immanii waliigalaa keessaa dhibbeentaa 20 hanga 85 haguugu argachuuf ulaagaa guutuuf, sagantaa talaallii biyyoolessaa hordofuu qabu," jedha Ogeessi Odeeffatnoo Hawaasaa Justin Botti tajaajila Australia irraa akkasi jechuun ibsa.
Yeroo kaffaltiif iyyattu , Tajaajilli Australia odeeffatnoo waa''ee daa''imni kee Taliillii fudhachuu ni argata.
"Akkaataa nuti kana hordofnu tarii atuu quba qabda taha, yeroo ati kaffaltii faayidaa gibira maatiif iyyattu ykn gargaarsa ijoolleef iyyattu, medicare daa’ima kee akka dhiheessitu si gaafatna," jechuun ibsa obbo Botti.
Gallmeen Taliillii Australia, galmee biyyaalessaa bakka taliilliin Australia keessatti kenname hunduu itti galmaawee tahuu dha, kunis sagantaa taliillii biyyaalessaa, kan mana barmootaa fi dhiheessii dhuunfaa dabalata.
Galmeessiin kun kallattiin Meicare keetti hidhame jira, namni kana arguu danda’u taliillii kennitoota beekamtii qaban qofa, kunis kanneen akka ogeessa fayyaa kee ykn galma tajaajila fayyaa Hawaasa ti.
Yoo daa''imni kee biyya biraatti taliillii fudhatee garuu sababa taheefuu ragaa taliillii sanii hin qabdu tahe, ogeessuma fayyaa kee san waliin dubbadhu, asi irraa garam akka deemuu qabdu si qajeelchuu," jedha obbo Bott.
"Yoo waa’’ee taliillichaa ragaa fi galmee qabaatte, qabdhu gara ogeessa fayyaa kee deemi, ogeessa kee yeroo kaan taliilliif bira deemtu jechuu dha, isaanis ragaa kana fuudhanii galmee taliillii Australia irra siif galmeessu."
Yoo tarii galmeen taliillii daa’ima keetii kan Biyya biraa irraa fidde tahe Tajaajilli Australia sun akka afaan inglishiitti jijjiiramu ni taasisa.
Child immunisation also protects vulnerable members of the child’s environment, including newborn babies and immune-compromised patients. Source: Moment RF / Alan Rubio/Getty Images
Imammatni akka iddo iddootti adda waan taheef , kan naannoo fi bakka jireenyaa isaanii maal akka jedhuu fi kamtu isaan ilaallataa maatiin adda baafachuu qabu.
Naannoleen imaammata “taliillattu malee taphin hin jiru ijoolleen jedhu” qaban kanneen akka dhiha Australia, Victoria, New South Wales fi kibbi Australia, arfan kun waan hundaan baayyee wal fakkaatu, " jedhti Prof Attwell.
"Kana jechuun, mana barumsaatti galmaa’uuf ragaa taliillii daa’’imti kee taliillii sirnaan fudhachuu agarsiisu ykn yoo fudhachuu hin danda’’u tahe sababa kan ibsu fi ulaagaalee adda addaa naannolee kaan keessattis fudhataman agarsiisuu si barbaachisa. ”
Dhimma fayyaan wal qabatee sababooleen tokko tokko daa’imti akka taliillii hin fudhanne taasifaman ni jira , jedha prof Britton yeroo ibsu
"Ttaliillii Kanaan dura fudhataniin rifaatuu qaamaa ykn allergy argatan taha. ykn dandeettii ittisa dhukkubaa isaanii laafaa tahuu irraas taha.
"Taliilliin tokko tokko virasii irraa uumamu, tarii virisich laaffate malee hin ajjeefamne taha. Warreen kanaan virasii lubbuun jiran jedhnee yaamna.
Kanaaf, namootni sirni ittisa qaamaa isaanii lafaa tahe viresii lubbu-qabeessa kana fudhachuu hin qaban. Sababni isaa ittisni qaama isaanii taliillicha ofitti fudhachuuf danda’umsa hin qabu waan taheef, ” jechuun ibsa Prof Britton.
If your child has a complex medical condition, you can discuss their immunisation options with a trusted medical professional. Credit: The Good Brigade/Getty Images
Profesor Attwell akka jedhtutti, maatiin taliillii fudhachuu ijoollee yaaddaánii fi gaaffii qaban qabiyyee ragaa irratti hundaawan dhimma taliillii irratti beekumsa namaa horan maarsariitii kana jalatti hojeetu irra deemuun dubbisuu danda''u.
"Garuu dhugumatti ogeessa fayyaa ofii waliin gadi tahanii dubbachuu waanti caalu hin jiru"
Clinika addaa kan Taliilliitti akka si dabarsanis gaafatachuu dandeessa.
Dhumarratti, Prof Atwell akka jedhutti, ogeessi fayyaa isin amanattan haala talaallii daa’ima keessanii ilaalchisee yaaddoo kam iyyuu ittiin marihachuu dandeessani dha.
"Kanaafuu, ogeessa walitti siqeenya qabdan, kan itti dubbachuuf ykn gaaffii gaafachuuf akkasumas deebiii itti quuftan isinii kennu qabaachuu dha. "
Waa'ee Taliillii ijoollee ilaalchisee Seera biyyaalessaa fi Naannoo Australia hubachuuf asi tuqaa .
Maatiin taliillii fudhachuu ijoollee yaaddaánii fi gaaffii qaban qabiyyee ragaa irratti hundaawan dhimma taliillii irratti beekumsa namaa horan maarsariitii kana dubbisuu danda’u.
Odeeffannoo gati-jabeessa, gorsa fi odeeffannoo waa’ee jireenya haaraa keessan Australia keessa argachuuf podcast Australiyaan ibsamuu ykn “Australia Explained” jedhu subscribe godhaa ykn hordofaa.