Tuqaalee ijoo
- Anniisaa aduu Awustiraaliyaa keessatti baay’ee jaallatamaa kan dhufe yoo ta’u, amma manneen dhibbeentaa 30 itti fayyadamaa jiru.
- Abbootiin qabeenyaa fi kireeffattoonni humna aduu qabaachuuf filannoo qabu; haa ta’u malee, baasii yeroo gabaabaa keessatti deebifachuun waan rakkisaa ta’eef, kireeffattootaaf faayidaa inni qabu xiqqaa tahuu mala.
- Deebiin kaffaltii fi karoorrii kutaalee fi naannolee Australia adda addaa keessatti ni argamu.
Bara 2021-22tti, maddi humna aduu fi qilleensaa Australia keessatti yeroo jalqabaaf fayyadama humna ibsaa manaa caaleera, akka Biiroon Istaatistiksii Australia(ABS) gabaasetti.
Kunis fedhii biyyattii guutuu keessatti maddoonni humnaa haaromfamuu danda’an guddachaa dhufuu isaanii kan mul’isu yoo ta’u, jijjiirama bal’aa humna itti fufiinsa qabu tahuu calqqisa.
Bu'aa isaa
Humna aduu(solaarii) Australia barbaachisummaan isaa guddachaa kan jiru yoo tahu, humna ibfaa elektriikaan wal bira yemmuu qabamee ilaalamu baasii xiqqaan kan faayidaa kennu tahuu isaa ti.
Dr Archie Chapman, University Queensland, Barmoota Injinerummaa Elektrikaa fi Saayisnii Komputeratti, gargaaraa Professoraa, dhimma kana irratti oguummaa qabuu dha.
Innis, waan kun rakasummaa isaa qofa miti, dhiibbaa inni burqiinsa humna ibsaa irratti qabaatus ni hir’isa jedha.
“ Humni soolaaraa fayidaa takka takka ni qaba. Namoota mana ofii isaanii irra galchataniif faayidaa ni qaba, sababni isaas maallaqa ni qusataaf. Burqiinsa humna ibsaa irraa bitachuu kee irra, humna elektrikaa mana kee keessatti dhimmoota barbaaddu hundaaf dhimma itti bahuu dandeessa."
Obbo Chapman, bu'aa biraas yeroo ibsu, fayidaa kan biroo lamas ni qaba., jedha.
"Utubaa fi shiboon humna ifaa daandilee Australia irra jiran Keessattuu guyyaa ho’i qilleensaa jiru humni isaa waan wal mudduuf ni dadhaba.Kun ammo akka humni ifaa xiqqaatu taasisa. Kanaaf rakkoo akkasii hir’isuuf kun ni gargaara.”
Humni soolaarii baasii maallaqaa qofaa kan hir’isu miti, akkasumas humna elektrikaa qulqulluu tahe argamsiisuufis ni gargaara. Haa tahu malee, cileen amma illee humna ibsaa Australia hoomishuu keessatti gahee dhibbantaa 60 qabaataa jira, jedha Dr Chapman ammas.
“Austrlia keessatti [humna] maddisiisuu amma illee heddumminaan buufata humna elektiriikaa dhagaa boba’aatiin kan kennamu yoo ta’u, itti fayyadama humna dhagaa boba’aatiin hojjetamu ofi irraa ittisuuf wanti nuti gochuu dandeenyu kami iyyuu dhiibbaa gadi lakkifamni kaarboonii jijjiirama qilleensaa irratti qabuun waan gaarii dha.”
Stan Krpan, Itti-mataa gaggeessaa Soolaara Victoria, Australiyaan yeroo dheeraaf ibsaa humna cilee irratti irkataa turtee amma gara humna ifaa soolaaraatti dabraa jirti jedha.
“Nuti amma walakkeessa gara humna ifaa haarawaatti dabraa jira. Mootummaan Australia hanga bara 2035nii dura humni ifaa haarawwi dhibbantaa 82 humna ibsaa haarawe irraa akka maddu itti cichaa jira. Kanaaf, akeeka kana dhaqabuuf amma irraa gara wagga 10 qofatu hafe.”
Soolaara bantii manaa irra galfachuun akkaan babal’ataa jira, kun ammoo kanneen humna ifaa soolaaraa dhiheessan humna ifaa lafa qabsiisuu keessatti bakka furtuu qabaataa jiraachuu agarsiisa.
“Bantii manaa namootaa irra ykn mana gubbaa irratti manneen miliyoona afur tahaniif Australia keessatti galchamee jira, kunis manneen qofa qofaatti ijaaraman dhibbantaa 30 kan tahaniif jechuu dha.”
Both landlords and tenants have the option to install solar power; however, tenants may find it less advantageous, as the costs are difficult to recoup within a shorter timeframe. Credit: Cavan Images / Robert Niedring p/Getty Images/Cavan Images RF
Eeenytu Solara mana irra kaa'uu danda'a?
Obbo Krpan akka jedhutti namootni mana ofii isaanii qaban soolaara bantii mana ofii isaanii irra galchuu danda’u, kireeffatootni humna ifaa soolaara kana irraa maddu gargaaramuu danda’u jedha.
"Irra hedduu namootni mana qaban soolaara galfachuu danda’u garuu dhimma kana jajjabeessuu keessatti, Keessattuu Victoria keessaa fi Kutaalee biyyattii keessattis dhimma kana jajjabeessuu irratti mootummaan maallaqaan namoota mana qaban ni tumsa. Kaanaaf, namootni mana qaban garuu ammo kiraa kennanii jiran, mana isaanii irra soolaara galchuufiin akka kireeffatootni humna ibsaa kana irraa fayidaa argatan gargaara.”
Gatiin soolaara ittiin galchatan kan yeroo gabaabaa keessa maallaqaa baasame bakkatti namaaf kan deebisu waan hin taaneef kireeffatootni maallaqaa of harkaa baasanii akka mana kiraa irratti galchatan hin jajjabeeffamu, jechuun dabalee ibsa ob Krpan.
" Walumaa gala, waan kana kireeffatotni baasii maallaqaa ofii isaaniitiin kan galchatan miti. Humni ifaa soolaara irraa argamu kan yeroo dheeraa keessa maallaqaa itti baasame bakkatti deebisaa deemu waan taheef, kireeffatootni ammoo manicha keessa waggoota dheeraa hangasii keessa turuun isaanii waan hin beekamneef, humna ifaa irraa faayidaa guutuu silaa eegamu argachuu hin danda’an.”))
Rebates and schemes are available in different Australian states and territories. Source: Moment RF / owngarden/Getty Images
Deebiin kaffaltii akkamiitu argama?
Mana kee irra humna soolaara ifaa galfachuuf gargaarsa maallaqaa siif taasisamuu fi wanneen siif qindeessaman barruu mar-sariitii (website) mootummaa seenii soqii ilaali. Gargaarsa maallaqaa siif hayyamamu kan mootummaan Commonwealth qopheessee jiru energy.gov.au jedhu seentee ilaaluu dandeessa.
Fakkeenyaaf, Solar Victoria, soolaara ifaa bantii manaa irra galchamuuf gargaarsa maallaqaa kuma tokkoo fi dhibba afur ($1,400) kenna. Akkasumas liqaa maallaqaa sobbooqaa (interest) hin qabne kan ati waggaa afur keessa bakkatti deebistu, mana bitates tahe kiraa keessa jirta yoo tahes gati soolaaraa si gargaara.
Dabales, liqaa maallaqaa sobbooqaa hin qabne kuma saddeetii fi dhibba saddet, kan baatirii ittiin bitattu mootummaan siif kenna, jedha, obbo Krpan ammas dabalee.
Kutaalee Australia biroos sagantaalee fakkaataa akka qaban ibsa obbo Krpan.
‘New South Wales fi South Australia ykn bakkoota kan biroo Queensland gargaarsa fakkaattiin ni jira, garuu Kutaalee Biyyaa kanneen keessa gargaarsa akkamii akka kennamu ofii keetiin barbaaduu si barbaachisa.”
Addunyaan gara qilleensa xuraawaa irraa of qulqulleessuutti fuuleffataa jirti waan taheef, qilleensa xuraawaa guutummaatti hanga bara 2050tti qulqulleessuu akeeka jedhuun Australia dabalee biyootni hedduun itti xiyyeefatanii jiran.
Cichominni kun, Waliif galtee Paris, taasisame, golee dinagdee hunda keessa xuraahinsa qilleensaa hirisuu kan jedhu dirqama kenname hordofee ti ,
“Kara humna elektirikaa, waggoota 10 ykn 15 dabran keessa humni ifaa cilee fi humna gaaza maddisiisu, kan biroo irraa argamaa ture amma gara humna ibsaa haarawaatti jijjiiramaa jira. Cichoomina mootummaan Commonwealth taasisaa jiruun, humni ibsaa haarawaan kan amma sadarkaa biyyaalessaatti dhibbantaa 30 irra jiru hanga bara 2035tti gara dhibbantaa 82tti ol guddata jedhamee eegama, " jechuun ibsa obbo Krpan.
For your state, please visit the below links:
Subscribe or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.