Imalchiisa(Turizimii) Saboota Jalqabaa

Karrke Aboriginal Cultural Tour, Watarrka, NT

Karrke Aboriginal Cultural Tour, Watarrka, NT Credit: Archie Sartracom /Tourism Australia

Muuxannoo imala Australia dhugummaan raajumsaa qabu barbaadduu? Lafa bosonaa, nyaata, aartii ykn qananii barbaaddanis, nama waggoota 65,000f lafa kanaan walitti dhufeenya qabuun durfamu, adeemsa imalchiisa Saboota Duraa kanneen qorachuu dandeessan hedduu dha. Muuxannoo kee gadi fageessuu qofa osoo hin taane, hawaasa Saboota Jalqabaa carraa aadaa fi dinagdee oofuuf ni gargaarta.


Imalchiisi Australia fedhiin Imalchiisa Saboota Jalqabaa guddachaa dhufuuf beekamtii kan kennu yoo ta’u, imaltoonni muuxannoo dhugaa fi aadaa keessatti liqifamuuf fedhii guddaa qabu.

Imaltootni waa’ee Saboota Jalqabaa (First Nations) waa’ee ummataa fi Biyyaa baruu barbaadu jedhte Nicole Mitchell. Isheenis Qondaala Hoji Raawwattuu Argama Muuxannoo Aborjinaalaa dagaagsa walitti qabaa Imalchiisa Australia kan imalchiisa Saboota Jalqabaa ti.

"Bara 2023 keessa do’atoota idil-addunyaa irraa kan yeroo Australia do’atan muuxannoo imalchiisa Abbootii dachee (Indigenous) argatan kuma dhibba sagalii fi kuma jaatamii sagala ( 969,000)  qabaanne, " jedhti adde Mitchell.

" Akkasumas garuu, imaltootni keenya gara biyya keessaa kan bara 2019 hamma bara 2023 dhiibantaa harka 22 (22 per cent) dabalee jiraachuun nu gammachiisee jira. Kanaaf, imaltoota miliyoona 1.185 [kan bara 2023] muuxannoo abbootii dachee argatanii jiran”

Muxxannoon tokkoon tokkoo isaa ummatoota Aborjinaalaa ykn Torres Strait Islander dhaan waloon gaggeessama.
Jarramali Rock Art Tour
Jarramali Rock Art Tour Credit: The Edit Suite/Tourism Australia

Namni seenicha harkaa qabu seenicha dubbata

Namni Kuku Yalanji Juan walker naannoo Kaaba Queensland irraa Walkabout Culture Adventure jedhu gaggeessa.

“Akka ani yaadutti, yoo waa’ee aadaa fi seenaa Aborjinaalaa baruu barbaadde, waa’ee dachee fi galaanaa irra imalaa jirtu dhugaa isaa baruuf, oduu gara ummata Aborijinaa jiru hubachuuf ummata Aborjinaa irraa baruun gaarii dha. Umama isaa irraa jalqabee kan of harkaa qaban, aadaa turaa tahe baruun alattii karaan irra wayyaa tahe hin jiru," jedha.
Warreen aadaa durii qabatanii jiran iddoo sana jalqaba irraa qabee jiran irraa qorachuun ala karaan biraan wayyaan hin jiru.
Juan Walker, Walkabout Culture Adventures
Obbo Walker do’atoota waa’ee Bosona Daintree kan naannoo Douglastti dhihoo jiru umrii miliyoona 135 qabu baruuf gara biyyattii kan dhufan do’achiisa.

Umama adda addaa (ecosystems) adda addaa, handaara galaanaa, umama gara garaa fi bosona umamaa adda addaa agarsiisna. Nyaata naannicha jiru gara garaas namoota itti agarsiisna ni barsiisna, jedha.

Nyaatni mala itti do'attoota itti biyya ofii barsiisani dha.
Nyaatni bosonaa urgaa fi faayidaa isaan qaban beekamtii argatuu jalqabuu irraa kan ka’e nyaatni Abbootii Dachee yeroo amma kana isa ol aanaa tahee jira.
tourismAustraliaN.jpg
Tourism Australia recognises the growing interest in First Nations tourism as travellers seek out authentic and culturally immersive experiences.

Seenaa lafa keenyaa baruu

Bosonnni keenya raajeffachiisaan miilaan nuukaab jeessa deenyy qifaab jab raahany nutu, /budurydgaab deenyym urra bakak;yy fu jibjikaaaa bisiba cabsee deemu(4WD) faatiin bakka qubsuma adda addaa sitti tolu qabu argita.

Bakki National Park keenya addunyaa keessatti dhagaa durii dowwattoota hawwatu kan waggaa 20,000 jiraate dha. Walhidhata inni aadaan qabu Abbootiin Dachee isinii himuu danda'u.


Daangaa biyyattii kara Kaabaa (Northern Territory) kan argamu Kakadu National Park kan Addunyaa irratti Dhaalmaaf galmeessamee jiru, gati-qabseessummaa umama naannoo fi aaddaa kan ibsu aartii dhagaa irratti tolchame agarsiisu bifa ol aanaa taheen kuusee jira.

Bishaan gaara irraa bubbisu, handaara bishaanii bineensa bosonaa, boolla daakaa bishanii kan godina Kimberly, Dhiha Australia keessa jiru aartii dhagaa irraa mul’atu kan biyyattiin qabdu raajessaa tahee dha.

Mungo National Park kan Kibba-Dhiha New Suth Wales argamu qabeenya addunyaan daawwatamu dha.

Muuxannoo adichaan fudhatamu

.Imaltootni yeroo baayyee wanneen tokko tokkotti hirmaachuun aadicha irraa qooda fudhatu jedhti aadde Mitchell.
Barmoota aartii hordofta, ykn cirracha keessa naannoo Waramii, kan Kaaba Sydney jiru deddeemtee waa hedduu do’atta. Waa’ee aadaas waa hedduu baratta.
Nicole Mitchell, Discover Aboriginal Experiences
Wal argaan hundi qajeelchitoota ajaa’ibsiisoo Saboota Duraa biyyattii jireenyatti fiduu fi yaadannoo bara baraan qabdu uumuun ol ka'a.

ggca-experiences-signature-aboriginal-experience-1.jpg
Great Golf Courses of Australia aboriginal experience

Imalchiisa irraa hawaasni naannoo fayidaa argatu

Imalchiisni Abbootii Dacheen durfamu hawaasa naannoo sanaaf galii fiduu qofa osoo hin taane, itti fufiinsa aadaa ni deeggara.

Aartiin Maruku artota dhibba sagal (900) kan Hawaasa moggaa lafaa irra jiraatan Giddu-galeessa Australia keessatti argaman irraa walitti qabamee dha. Namootni naannoo hanga aartii isaanii gurguratan fi workishop fi aadaa imaltoota do’achiisanitti naannicha keessa turu jedhti, Nicole Mitchell.

"Afaan naanichaa Pitjantjara jedhamuun waan qopheessamaniif afaanichas guddisuuf ni gargaara.”

Akka Juan Walker ibsutti, imaltootni aadaa isaa ilaaluun waa’ee maatii fi seenaa Aborjinaalaa qofaa kan baratan osoo hin taanee akkasumas hidhata inni biyya isaa waliin qabu baratu.

“ Kanaaf, kana qabaachuun kiyya akka ani maatii fi ummataa kiyya waliin turu haala naaf mijjeessee, dachee kiyya waliinis akka hidhatni ani qabu jabaatu taasise. Kanaaf, waa’ee umamaa yaaduuf kun hiree gaarii dha, namoota imlaaf dhufanis waa’ee ummatichaa waan dhaalmaadhaan walitti dabarsaa turan barsiisuu, caalaattis Kabajaa dachee, galaanaa fi bishaaniif isaan qabaachuu qaban barsiisuu taha.”
Selfie Aboriginal Woman
As a First Nations Storyteller, Bundjalung man Kyle Ivey guides visitors on a climb of the Sydney Harbour Bridge as part of the Burrawa Aboriginal Climb Experience. Credit: davidf/Getty Images

Aadaa Magaalaa keessatti

Aadaan Abbootii Dachee naannoo moggaa biyyattii qofa keessa akka jirutti kan yaadan ni jiran, garuu seenaa dagaagaan gidduu galeessa magaalaas ni jira.

Kyle Ivey nama Bundjalung fi Saboota Jalqabaa kan Seenaa himuu dha. Imaltoota (Riqicha Harbour Sydney (Sydney Harbour Bridge) kan qaama Burrawa ([[BU-ru-wu]]) Muuxannoo Gaara Yaabuu Aborjinaalaa (Aboriginal Climb Experience) gaggeessaa.

Gaara ol bahu akka gaara ol yaabuu Araaraattin gaggeessaa, jedha.

"Yeroon gara riqichichaatti waliin deemu, yeroo ani gaaricha irra waliin ol bahu, yeroo tokko dhaabadheen waa’ee seenichaa saphlisee itti hima."


Beekumsa qabu kaaniif qooduu isaatti ittiin boona – ofii isaatiif qofaa miti, garuu gartuu aadaa gara garaa dhibba shanii (500) ol tahan bakka bu’ee dubbachuu isaatiif.

“Yaadannoo kiyya haareffachuun kiyyas barbaachisaa tahuu nan hubadha. Dhimma kana gara fuulduraatti caalaatti dhiibuu fi wanneen kana caalaan akka an itti eda’uuf, sochii taasisamu dabaluuf, akkasumas maqoota akka an keessaa hin daganneef. Kun muuxannoo hamilee guutuu namaaf kennuu dha. Kana godchuu kootti guddaan gammada. Ani nama carroomee dha. Dhimma Abbootii Dachee irratti Namoota barsiisuudhaan akka muuxannoo argatan godchuu nan jaalladha.”

Walakkeessa Melbourne keessatti, aartii Aborjinaalaa handaara laga Yarra River biratti tolchamee jiru ilaaluuf gaggeessaa Birrarung Wilam Walk kan gaggeessamu gaafachuu dandeessa.

man bakka barbaachisaa tahuu isaas ni barta.

Namni Yallnguth jedhamu muuxannoo du'oachiisummaa qabu namni abbootii dachee kan biraan adeemsi tokko naannoo yaaraa kaan ammoo Fitzroy irra tahuu hima.

Akkasumas Tasmania keessa Aborijinaan kan gaggeessamu nipaluna/Hobart kan jedhu deemtees muuxannoo argachuu dandeessa. Deemsa Daqiiqaa 90 kan qabuu fi agarsiisa addaa addaas kan qabu waa’ee seenaa ummataa naannichaa si barsiisa.
A tour guide walked through the safety precautions of hiking into Kata Tjuta near a tent
Petermann, Northern Territoty / Australia - December 8, 2019: A tour guide walked through the safety precautions of hiking into Kata Tjuta near a tent Credit: alanlim97/Getty Images

Imalchiisni Saboota Duraa Saboota araara oofuu



"Araara taasisamus akkaan jabeessa," jedhti.

"Namootni aadaa gara garaa heddumminaan Australia keessa jiran ni baratu, sun ammoo imaltootas ni gargaara. Garuu waan Hawaasa ilaalu  jalqabaa hawaasichatti seenaa qulqulluu ykn dhugaa tahe itti dubbachuun barbaachisaa dha. Namoota waan kana gaggeessan keessaa tokko kan natti hime, ‘aadaa keenya hambifachuuf aadaa keenya qooduu qabna’ naan jedhe."

Odeeffannoo gati-jabeessa, gorsa fi odeeffannoo waa’ee jireenya haaraa keessan Australia keessa argachuuf podcast Australiyaan ibsamuu ykn “Australia Explained” jedhu subscribe godhaa ykn hordofaa.


Gaaffii ykn mata duree yaada qabduu? Imeelii a[email protected] irratti nuuf ergaa. Galatoomaa.

Share