Tuqaalee Ijoo
- aadaan Abbootii Dacheee Australia keessatti bakka hundatti tokko akka ta’etti yaaduun yaada dogoggoraa barame dha. Miti.
- Jijjiiramni tolchama naannoo ijaarame guddachaa jiru pirojektoota Biyya irratti hundaa’an hojjechuu barbaada, seera karoora magaalaa daldala-akka barame irraa addaan ba’ee jira.
- Tolchinni- Biyyaa dhimma biyyaa tahe keessatti, karoora irraa kaasee hanga xumuraatti, abbootii beekumsa Saboota Duraa, naannoo, fi taatee projektii addaa beekumsa isaaniin oofamuu qaba.
Abbummaan Abootii Dachee ibsa aadaa Dhalootaan jiraatan gama hundaan labsii Mirgoota Dhalootaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii argateera( ) jalatti beekamtii argateera.
In recent years in Australia, a lot of work has been done for establishing when working with First Nations peoples on arts projects.
Waggoota dhiyoo asitti Australia keessatti yeroo pirojektoota aartii irratti ummatoota Saboota Duraa waliin hojjetan pirootokoolota gochaalee raawwataman keessatti ulaagaa kaa’an hundeessuuf hojiin guddaan hojjetameera.
Garuu akkamitti namni tokko beekumsa Abbootii Dachee fi gochaalee itti fufiinsa qaban iddoo jireenyaa keenya magaalota Aaustralia keessatti akka mul’atu taasisa?
Ogeeyyiin Abbootii Dachee fi Abbootii Dachee hin taane hubannoo isaanii iddoowwanii fi gamoowwan sirna beekumsa Aboorijiinaal fi warra dhihaa irraa fudhatan uumuu irratti qaban akka nuuf qoodan gaafanneerra.
Batı Avustralya’daki Karijini Ulusal Parkı’ndaki yabani çiçekler. Source: Getty / TED MEAD
Innis gargaaraa barreessaa ) kan tahe tolchina daldalaa protokolii aadaa simatu, akka gaariitti shaakalamuu qabu hundeessuu keessatti gahee qaba.
Manneen ummataa, marfata (square) ykn bakka halluudhaan dibame yoo tahes, aadaa Abbootii Dacheen walakeeffatee tolchamuun maaliif akka barbaachisu ibsa.
Beekumsi hundi bakka irraa madde qaba,Professor Brian Martin, co-author International Indigenous Design Charter
“Kanaafis pirootokooliin muuxannoowwan gaariin abbootii qabeenyaa Aadaa bakka sanaa ilaaluu fi beekumsi... bakka addaa fi Biyya addaa sanaan wal qabata.”
Tolchamni Abbootii Dacheen-durfamu Tolchama-biyyaan durfamu dha sababiin isaas Australia keessatti aadaan Abbootii Dachee tokko qofatu jira waan hin taaneef.
“Yaadni walitti-qabaa kun wantoota naannootti addatti namnuu qabu tuffachuu dha. Fakkeenyaaf, Biyyi Boonwurrung Victoria keessatti argamtu Kamilaroi New South Wales, Bidjara Queensland ykn Noongar Perth irraa baayyee adda,'' jechuun Prof Martin ibsa.
Jefa Greenaway yaadichatti walii gala. innis arkitektii Aborijinaa Victoria keessatti jalqaba irraa qabee beekamtii qabuu, dhalootaan NSW irraa tahe, dhaloota hidda ummataa Wailwan Kamilaroi fi Dharawal ti.
Obbo Greenaway akka jedhutti, aadaa adda addaa Abbootii Dacheef beekamtii kennuun arkteekii keessatti " yaada kanaaf sagalee kennuu fi warreen kana irratti hojjetu deggeruuf carraa guddaa dha."
“Yaada tolchama walqixxummaa ni deeggara... Kan hin jijjiiramne, namoonni Saboota Duraa pirojektoota bifa ijaaraman gurguddoo keessatti bobba’uuf teessoo irratti hirmaachuun dirqama miti.”
Jefa Greenaway: “Ardii bal’aa kana kan gartuu afaanotni 270 ol keessatti dubbatamuu fi loqodni afaanii 600 gara garaa keessatti argaman ni beekna. ” Credit: Aaron Puls
University Melbourne kan kampaii magaalaa jiru biraan kara Swanston Street irraan gara Giddu-galeessa Wiirtuu Daladalaa (Central Business District) jedhu irra yoo deemte, fakkeenya tolchee Biyyaa (Country-led) kana ni agarta.
Obbo Greenaway, kan garuu kana hogganu, dirree fi bakka ciisa bo’ii lolaa bishaanii, kan bineeyyiin galaana keessaa itti godaananii, waggoota kuma jaatama (60,000) oliif keessa Jiraataa turan, Birrarung hanga laga (Yarra River) gahutti kan keessatti horaa turanii ibsuuf tolchame dha jedha.
Isaanis biqiltootaa fi wanneen uumamaan jiru nyaatan, kuufama bishaanii keessas naannichuma jiraatu.
Cabi ededa lafaa baqaqee jirus, akka bo’oo bishaaniitti waan gargaaruuf, lolaan rooba bokkaa irraa bubbisu bo”oo kana keessa lola’a, bineeyyiin galaana keessaas bakka kanatti godaanuu itti fufan.
Obbo Greenaway akka jedhutti tolchamni kun kun itti fufiinsa aadaa Abbootii Dachee gara fuulduraatti fide.
A University of Melbourne built project recreating the eels’ migration path from water to land, is a metaphor for Indigenous resilience, says architect Jefa Greenaway. Credit: Peter Bennetts
"Kalawiinsi (relationality) akkaataa itti bakkaa fi wanneen Biyya bakka bu’an waliin, wal fudhatiinsa keenyaa mul’isnuuf bu’ura.
"Projektii qorannoo, waa tolchuuf akeekkachuuf, dhimma ijaarsaa ykn qaamoolee mootummaatiin, wanneen raawataman ykn ogeessotni ofii isaaniitiin waa dalaguu barbaadanis yoo tahe ummataa fi bakka waliin hariiroo qabaachuu barbaachisa.”
Desiree Hernandez Ibinarriaga dubartii Mayan, Meksikoo irraa kan taate meeshaalee jireenyaa dhaloota irraa dhalootatti dabran, ogummaa isaa kan qabdu barsiistuu University Monash, kan Damee Waa Tolchuu (Department of Design) jedhanii ti.
Yeroo barmootaa PhD isheetiif, shamarran Abbootii Dachee Australia keessa fi kan biyya Meksikoo fi barsiisota Abbootii Dachee hin tahin ilaalchisee, projektii waa tolchuu kanaaf beekumsaa fi eegumsa aadaa adda addaa kan Saboota Jalqabaa ilaalu irratti fala (methodology) tolchitee turte.
The sense of cultural identity is integral to Indigenous design methodologies, says Dr Ibinarriaga. “In design we focus on problem-solving and so [in Country-led design] it becomes essential to look locally, harnessing our surroundings.” Credit: Desiree Hernandez Ibinarriaga
"Ijoollotni dubaraa na simachuu fi akkasumas barsiistotaa fi hojjettoota biratti baramuuf ji'a saddeet na fudhate, hariiroo tolfachuuf jechuu dha. "
Qorannoon ishee walqunnamtii Biyya waliin qabuun eenyummaa aadaa barattootaa cimsuuf kan kaayyeffate workshopii aadaa baayooloojiitiin fiixee irra ga’e.
"Biyya jechuun, bakka nuti jiraannu, biyya jedhnee yaamnu, "Tonantsintlalli" afaan kiyya, Nahuatl keessatti, Dachee Haadhaa jechuu dha," jedhti Dr Ibinarriaga.
“Fala Abbootii Dachee keessatti kan nuti walakkeessummaatti ilaaluu barbaadnu, kan akka dachee, samii, bishaan kan keessa jiraanuu ti.
"Garuu, akkasumas, kalawiinsi, hariiroon nuti wanneen lubbuu qaban fi hin qabne waliin qabnu fi wanneen jiran hundi haaluma kana keessatti ilaalaman.”
Where Eels Lie Down by Kamilaroi artist Reko Rennie is one of the features referencing Country in Parramatta Square.
Gartuu kana waliin, itti yaamamaa arkitektii nama Yugambeh kan Gold Coast, Queensland Kessaa Dillon Kombumerri jedhamu kan dabaluu dha. Isaanis waliin ) jedhu uuman.
Warreen projektii kana keessatti hirmaatanis qindeessama kana fudhatan, tolchama kana fudhataniis wanneen naannoo isaaniitti tahuu qabu Biyyaa fi Hawaasa isaaniif uumuu itti fufan.
“Hawaasni Aboorijiinaal pirojektoota isaanii irratti fayyadamuun bu’aa achitti arguu barbaadaniif fayyadamaa gochuuf,” jedhti Aadde Hyde.
“Gartuwwan mootummaa naannoo pirojektoota isaan ilaalan irratti hawaasa Aboorijiinaal waliin haala sirrii fi kabajaan akka bobba’an jajjabeessuuf.
Akkasumas arkiteektootaa fi Tolchitoota fi misoomsitoota naannoo ijaarame biroof pirojektoonni isaan dhiyeessaa jiran bu’aa Biyyaa fayya-qabeessa ta’e uumuu isaanii mirkaneessuuf.”
Waggoota shan kan hojjetamaa ture, bu’uurri kun qaamolee mala Biyyaan durfamu pirojektoota duraan jiran keessatti mul’atan, kan akka Parramatta square of keessatti hammateera.
“Jalqabarraa kaasee abbootii beekumsa aadaa Dharug qaban waliin kan qophaa’e dha,” jechuun aadde Hyde ibsiti.
“Kanaaf, karoora marfata kanaa qopheessuu keessatti hawaasa waliin hojjechuun adeemsi baay’ee ukkaamfamee ture.”
Country-led design reasserts the primacy of the place where an infrastructure project is situated. The Waratah flower, found across southeastern Australia is the protagonist of a Dreamtime story explaining its red colour. Here, a Waratah flower light installation during Vivid Light 2017 in Sydney. Credit: Manfred Gottschalk/Getty Images
"Wanta mudaan ati agartu, akka Abbootii Dacheen hin durfamin agarsiisa.
“Dhuma irratti adeemsa hojii Biyyaa keessatti waanti hojjetame akka wal hin fudhanne agarsiisa, sana booda gamoo xumurame keessa, oomisha, waanuma fedhe ta’uu danda’u keessatti waan walitti hin makamneen dhumta.”
IMarfata Parramatta waan ilaalu, warreen tolchan seenaa hojjetanii akka inni mul’atee ittis fufu taasisan jedhti Aadde Hyde.
Hojiin harkaa Abbootii Dachee, walitti qabama maatummaa Dharug if wanneen turan , uumaaaa ogummaa Abbootii Dachee of keessatti dabaluu, waggoota kumootaaf of booda deebi’ees ragaalee Abbootii Dachee walitti qabuu isaa ti.
“ yeroo hundi isaa walitti qabamee ilaalamu, laficha irra yeroo dheeraa jiraachuu isaanii fi barbaachisummaa aadaa ummataa Aborijinaa ibsuu dha.
"Garuu kun waa’ee aadaa kan jiraatuu fi bara baraan itti fufu tahuuf, Beekamtii akka kennuu ti.
"Aadaan kabajamuu fi hordofamuun, bakka isaaf malu qabaachuun, hundaafis jargii tahuun, garuu ammo akkasumas namootni addaa dhimmichi isaan ilaallatu gaggeessuun barbaachisaa dha."
READ MORE
The impacts of First Nations tourism
Subscribe or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.