Qajeelfama jalqabaaf mana kan bitataniif: Australia keessatti liqaa maallaqaa argachuu

Australia Explained: Home Loans

You could go to a couple or more mortgage brokers, see what loans they offer, and compare them. Credit: pixdeluxe/Getty Images

Namoota jalqabaaf mana bitachuuf maallaqa liqqeeffachuu barbaadaniif adeemsi iyyatnaa galchachuu tarii qalbii jeequu danda'a. Australia keessatti sobbooqa ilaalchisee yaadota bu'uuraa tokko tokko akkasumas adeemsa iyyatnoo galchachuun of keessaa qabuu fi gargaarsa mootummaaf tarii gahaa tahuu kee iyyaafadhu.


Tuqaalee Ijoo
  • Liqaa maallaqaa gabaa irra jiruu fi sobbooqni hagam akka tahe iyyaafachuu eegli
  • Dursa kan qabsiifamu dhibbantaa shan fi digdama qabaachuu si gaafata
  • Gargaarsa mootummaa mana bittaaf argachuu maltuuf gahaa tahuu kee jala bu’ii iyyaafadhu
Mana bitachuun jireenya nama tokkoo keessatti yeroo hedduu bakka guddaa qaba.

Garuu haala isaa hubachuun, maallaqa liqeeffachuuf filmaatota jiran beekuun, baasii nama irraa xiqqeessa; boqonnaa sammuus namaaf kenna.

Mar-sariitiin mootummaa kan godinaaa fi biyyaalessaa tartiiba mana bituu hubachuuf, eessa irraa akka eegalan akka gaarii ibsa.

Gabaan isaa akkamiin hojjeta

ASIC mar-sariitii Mootummaa Federala irratti kara jedhamuu dhimma bahootaaf barmootaa kenna.

Andrew Dadswell ASIC keessatti gaggeessaa Hangafa kan Qunnamtii Dhimma bahootaa (Consumer Communication) ti.

Australia Explained: Home Loans
Applying with a friend or partner could maximise your chances in getting approved for a home loan, due to combined incomes. Source: Moment RF / Maria Korneeva/Getty Images
Baasiin sobbooqaa (interest rate) liqaa manaa gaarii argachuu keessatti maaliif barbaachisaa akka tahe ibsa.

"Yeroo mana bittuu liqaan isaa wagga 25 ykn 30 waan dheeratuuf sobbooqaan (interest) ati baastu xiqqaa fakkaatus waggaa dheeraa keessa doolaara kumoota tahuu danda’a. Liqaa manaa (mortgage) kan ittiin herregan kan marsaritii (website) MoneySmart irra jiru, mana bitte irratti sobbooqaa maallaqa hangam akka baastu sitti hima."
Liqiaa manaa wal bira qabuu yeroo jednu, wanti ijoon waan gabaa irra jiru ilaaluu fi qorannoo ofii gochuu dha
Andrew Dadswell, Senior Manager of Consumer Communications, ASIC.
Knowing what the average interest rate is now, is crucial.

Maarsariitii liqaa manaa (mortgage) ittiin herregan,( ) irra ilaaltee tilmaamaan hangam akka si baasisu erga beekteen booda mana baankii ykn warreen bitaa fi gurguraa walitti Fidan (broker) kan gatii gaarii siif kennisiisuu danda’u gaafadhu, jedha obbo Dadswell.

Australia Explained: Home Loans
In variable rate home loans, your interest rate changes when the bank decides, which is usually influenced by the official cash rate set by the Reserve Bank of Australia, Mr Dadswell explains. Source: Moment RF / Traceydee Photography/Getty Images

Kamiif dursa kennuu qabda?

Waan dursa laattuuf beekuun barbaachisaa dha.
Kan ati durfattu maallaqa dandeettii keengitu haga danda'ametti liqeeffachuu dhaa? Sobbooqa gabaa irra jiru daftee itti fayyadamuu dha? ykn ariitiin liqaa argachuu akka siif mirkaneeffamu gochuuf haala hunda guuttee dhihaatta?

Tarii ykn hunduma tuqxe kana tahuu danda'a. Liqaan manaa gabaa Australia irratti hundaawa, garuu liqaan gosa lamatu jiran, isaanis jijjiirama fi dhaabbataa(variable rate/fixed rate) jedhamu.

“Liqaan manaa dhaabbataan (fixed rate) gaarummaan isaa, torban lama lamaan ykn baatii baatidhaan maallaqaa hangamii akka kaffaltu ni beekta. Garuu sana jechuun yoo sobbooqaan gad bu'e tarii bu'aa siif hin qabu jechuu dha jedha, " obbo Dadswell yeroo ibsu.

Sobbooqaa fi liqaa gosa akkamii akka filattu rakkoo miti, maallaqaa kuusatte of harkaa qabdu qabaachuu si barbaachisa.

"Yeroo Australia keessatti liqaa manaa argachuuf jirtu, maallaqaa kuusattee qabdu dhibbantaa 5 (per cent) shan garuu hanga dhibbantaa 20 yoo qabaattes, liqaa manaa of irraa baasuu danda’uu kee waan ibsuuf gaarii dha."

"Maallaqa gahaa yoo qabaatte baankii irraa maallaqaa xiqqoo liqeeffatta.”
Australia Explained: Home Loans
The exact conditions of each home loan on the market may vary. And the amount of information can get overwhelming and confusing. Source: Moment RF / Richard Newstead/Getty Images
Odeeffatnoon marsariitii irra jiran gabaa wal bira qabanii ilaaluu fi gosa liqaa akkam akka jiran hubachuuf nama gargaara.

Sally Tindall, direktera qorannaa Rate City ti. Waan gabaa irra jiru qorattee, baruutti dabalee gorsa maallaqaas argachuun gaarii dha jedhti.

“Namootni baay’ee, ahaa ‘akkasii, ani garuu  sooressa miti, nama maallaqaa irratti gorsa kennu gatii isaa hin danda’u’ jedhu. Sun dhugaa dha jechuu hin dandeenyu, garuu akkasumas daandii kan biroonis ni jiru.

"Namootni bittaa fi gurguraa wal qunnamsiisan (broker) fakkeenyaaf, maallaqaa kee waliin kan wal siif gitu tarkaanfii akkamii akka fudhachuu qabdu si gorsu.”

Garuu akkamiin akka liqeeffattu beekuu barbaadda yoo tahe hangami akka barbaadduu fi si baasisu bank ykn kanneen gurguraa fi bitataa wal qunnamsiisan (broker) gaafachuu irratti qofa hirkachuu hin qabdu.  

"Ofii keetiin meeqa akka si baasisu baruuf yaaluun gaarii dha. Sababni isaa waggaa lama dabran kana keessa Qusiin Bank Australia (RBA) yeroo 13 sobbooqaa ol dabale. Isaan keessaa afur dachaadhaan dabalan.," jedhti aadde Tindall.

Deemsa iyyannaa naqatuu liqaa manaa keessatti, maallaqaa siif liqeessamu deebistee of irraa baasuu danda’uu kee baruuf, kan maallaqaa siif liqeessan ragaa akka ati dhiheessitu si gaafatu.

Australia Explained: Home Loans
Common evidence for your home loan application includes pay slips, bank statements, evidence of any assets and debts or liabilities, your savings and credit history. Source: Moment RF / d3sign/Getty Images

Dursee mirkaneeffamuu fi warreen bitaa fi gururaa qunnamsiisan

Mana bitachuu keessatti akka dirqamaatti yoo hin ilaalamne illee, kan mana bitatan liqaa dursee raggaasisameef (pre-approval) gaafatachuu danda'u.

Kana jechuun qaamni liqaa maallaqaa siif kennuuf dursee siif mirkaneesse, mana akka bitattuuf tahuu isaa siif dhugoomsee jira jechuu dha. Kun guutuutti abdachiisaa yoo hin taane illee garuu, liqaa maallaqaa siif argamsiisuuf carraa qabdu ol siif guddisa.

liqaan maallaqaa dursee yoo mirkaneeffame akka beekamutti yeroo siif mirkaneeffame irraa eegalee ji'a sadiif tura

“Liqaan maallaqaa dursee mirkaneessamu, kan yeroo dheeraaf akkuma mirkaneessametti turuu dha.Yeroo tokko tokko baatii sadiif siif turuu danda’a. Garuu baatii sadii keessatti jijjrramni tahuu danda’a. Kanaaf gara bankii yero yerootti deddeebi’ii kan yoo RBAn gatii sobbooqaa maallaqaa jijjiiree jira tahe gaafadhu. Jijjiiramni kara kee jiru kan akka dalagaa kee irraa maallaqa argattu, humni maallaqaa fi galii maallaqaa kee yeroo sanatti hangam si liqeeffachiisuu akka danda’u bank gaafadhu,” jedhti aadde Tindall.

"Warreen gurguraa fi bitataa wal qunnamsiisan liqeessitoota hedduu waliin hojjechuu danda’u. Carraa liqaa adda addaa argachuu dandeessus wal dorgomsiisanii sitti himan.

Warri gurguraa fi bitataa wal qunnamsiisn mar-sariitii (website) isaanii irraa gara gadiitti, lakofsa hayyama seeraa isaaniif kenname ykn kanneen hayyama seeraa bakka bu’anii hojjatu tahes ni qabu. kana ilaaluun sirnaawoo tahuu isaanii mirkaneeffadhu, fakkeenyaaf Australia keessatti miseensa waldaa MFAA ykn FBAA tahuu isaanii mirkaneeffadhu.

Eessa akka Jiraataa jirtu irratti hudnaawee, gargaarsa maallaqaa mootummaan kennuuf Seerri siif hayyamuu danda’a.

Guutuu biyyalessaatti, kanneen mana bitatan, Seerri hayyamuuf jajjabeessama Qindeessama Abdachiisa Manaa () kan Abadachiisa Manaa Jalqabaatiif jedhu, warreen jalqabaaf ykn ciruma reef mana bitataniif kan dhimma itti bahanii dha.

George Samios, hundeessaan tajaajila gurguraa fi bitataa Madd Loans jedhamuu warreen jalqabaaf mana bitatan haga dhibbantaa 95 liqeeffachuu danda'u jedha, akkasumas isuraansii liqeessitoota manaa hin kafalan jedha.

Itti dabalee, "Garuu akka bakka hin taanetti hin qabamne of eeggadhu. Waan bittaa manaa waliin wal qabatu waa hedduun maallaqni ati baastu ni jiran. Gibira manaa (stamp duty), baasii gara garaa, kan bishaanii, kan ijaarsaa fi isuransii rirmaa fi wanneen adda addaa ittisu ni bitatta. Namootni yeroo mana bituuf jedhan wanneen isaan eeggachuu qaban waa hedduutu jira. Garuu ammo isuransii liqaa manaa gurgurtaa fi bittaa kaffaluu dhabuun maallaqa hedduu qusachuuf si gargaara," jedha.
Australia Explained: Home Loans
“For example, in Brisbane, the cap is $700,000. So, if you buy in a suburb like Coorparoo, which is close to the city, you can spend $700,000 and you only […] need a deposit of $35,000,” says Mr Samios. Credit: MoMo Productions/Getty Images
Akkasumas bitattoonni hangam baasuu akka danda'an irratti gatiin kan kaa'ame yoo ta'u, kunis kutaa biyyaa irraa gara kutaa biyyaatti jijjiirama.

Yeroo jalqabaatiif kan mana bitan, tarii baasii gati hir’isa (consession) kan akka gibira manaa (stamp duty), ykn gargaarsa maallaqaa Namoota jalqabaaf mana bitataniif kennamu argachuu dada’u jedha obbo Samios.

“Kana jedhuun maallaqaa qabsiisa (deposit) keessu irratti dhibbantaa 17.5 siif qusachuu danda’a jechuu dha. Kanaaf, $100,000 qusachuu ykn ol kaayyachuu yoo barbaadde qusii yeroo jaaromaaf (super save) ol kaayyatte yoo dhimma itti baate, gatii gibiraa baastu dhibbantaa 17.5 siif qusata jechuu dha.

Subscribe or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.   

Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to 

Share